Ameerikaan Itoophiyaaf dabalataan Doolaara Ameerikaa miiliyoona 55 deeggarte.

51

Adoolessa 12/2014(TOI) - Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa ‘USAID’ wabii nyaataa Itoophiyaaf kan oolu dabalataan deeggarsa Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 55 taasisuu beeksise.

Sababa waraanaa Raashiyaa fi Yuukireeniin qaala’iinsa gatii xaa’oo fi nyaataatiin hanqinni nyaataa Itoophiyaatti mul’achaa jiraachuu dhaabbatichi eereera.

Deeggarsi kunis hawaasaa qonnaan bulaa sababa walitti bu’iinsa kutaa Kaaba biyyattiin dhiyeessiin bishaanii jalaa manca’e kan dabalatuudha jedhameera.

Deeggarsi kunis wayita mari biyyootaa ‘Garee Torban’(G7) jedhamanii Jarmaniitti taa'amerratti waadaa kan galame keessaa ta’uun himameera.

Mootummaan Ameerikaa kutaalee addunyaa hanqina nyaataaf saaxilamoo ta’aniif kan ooluu dabalataan Doolaaraa biiliyoona 2.76 ramaduus himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015