Beenishaangul Gumuzitti Sagantaan dhaabbii biqiltuu godaantonni Afrikaa irratti hirmaatan eegalame - ENA Afaan Oromoo
Beenishaangul Gumuzitti Sagantaan dhaabbii biqiltuu godaantonni Afrikaa irratti hirmaatan eegalame
61
Adoolessa 12/2014 (TOI)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Sagantaan dhaabbii biqiltuu godaantonni biyyoota Afrikaa Kaampiiwwan godaantotaa garaagaraa keessa jira irratti hirmaatan eegalameera.
Sagantichi kaampiiwwan godaantotaa Tsooree, Baambiisii fi Sharqoolee keessatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Kaampiiwwan kanneen keessatti bara kana biqiltuu kuma dhibba 2 dhaabuuf karoorfamuu ibsameera.
Kaampiiwwan kanneen keessa baqattoonni Sudaan, Sudaan Kibbaa, Rippaabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Rwaandaa fi biyyoota Afrikaa biro kumni 74 ol jiraachuu ragaan Tajaajila Godaantotaa fi Deebitootaarraa argame ni mul’isa.