Yeroo dhihootti lammileen Itoophiyaa kuma 12 ta'an biyyoota Afrikaa fi baha jiddugaleessaarra gara biyyaatti ni deebifamu.

68

Adoolessa 7/2014(TOI) - Yeroo dhihootti lammileen Itoophiyaa kuma 12 ta'an biyyoota Afrikaa fi baha jiddugaleessaarra gara biyyaatti ni deebifamuuf jiran Ministeerri dhimma alaa beeksise.

Ministeerri dhimma alaa haala yeroo ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laateera.

Ibsicha kan laatan dubbi himaan dhimma alaa ambaasaaddar Mallas Alam, hojii dippilomaasii hawaasaan lammilee Itoophiyaa kuma 12 yeroo dhihootte gara biyyaatti akka deebi'an hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Lammilee kana deebisuufis Mootummaan Dhaabbata godaansa Addunyaa(IOM) waliin ta'uun hojjechaa jira jedhaniiru.

Lammileen kun biyyoota akka Tanzaaniyaa, Jibutii,Maalaawwii, Oomaanfi kanneen biroorra akka galan himaniiru.

Kanaan dura mootummaan lammilee Itoophiyaa hedduu biyyoota birootti rakkoo adda addaaf saaxilaman gara biyyaatti deebisaa turuu himaniiru.

Gama biroon sagantaa marsaa lammaffaa Iidaa hanga Iidaatti jedhuun lammileen hedduun gara biyyaa dhufuu himaniiru.

Lammileen kun sagantaa ashaaraa magariisaa dabalatee kanneen biroo irrattis akka hirmaatan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015