"Badhaasni Baankii Oromiyaa maqaa gaarii biyyaa sadarkaa addunyaatti kan beeksiseedha" - Obbo Tafarii Mokonnin

129

Adoolessa 6/2014(TOI) - Badhaasa Dhaabbanni "European Society for Quality Reasarch" jedhamuun dhiheenya kan badhaafame baankichi, sadarkaa addunyaatti tajaajila baankii qulqullina qabu kennuun badhaafameera.

Badhaasichi kan baankichaa qofa osoo hintaane kan Itoophiyaanota hundaa ta'uu gaggeessaa hojii olaanaa Baankii Oromiyaa Obbo Tafariin Mokonnin himaniiru.

Carraa badhaasichaatiin maqaa gaarii biyyaa ijaaruu keessattis shoora olaanaa taphachuu ibsaniiru.

Ulaagaa badhaasichaa keessaa inni guddaa sadarkaa addunyaatti tajaajila baankii qulqullina qabu kennuudha jedhu.

Baankichi barana bu'aa qarshii biiliyoona 1.9 argateeras jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015