''Hojii dhabdummaa hir’isuuf qoodni damee dhuunfaa olaanaadha''

61

Adoolessa 5/2014(TOI) - Biiroon Misooma Intarpiraayiziifi Indastirii Magaalaa Finfinnee dargaggoota muuxannoo hojiin gahoomsuu yeroo dhiyootti hojiirra oolchuuf dhaabbilee dhuunfaafi mootummaa waliin mari’achaa jira.

Hojii dhabdummaan yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuufi magaaloota hojii dhabdummaan itti heddummatu keessaa magaalaan Finfinnee adda duree ta’uu Ministir Dee’etaan Ministeera Hojiifi Ogummaa Obbo Nigusuu Xilahuun ibsaniiru.

Dargaggootaaf hojii uumuuf hojiin mootummaan dhaabbilee deeggartootaafi damee dhuunfaa waliin hojjechaa jiru keessaa pirojektiin dargaggoota muuxannoo hojiin gahoomsuu isa tokko ta’uu eeraniiru.

Pirojektii kanaan sadarkaa biyyaatti dargaggoota kuma 70 ol fayyadamoo taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Dargaggoonni kumni 49 magaalaa Finfinneerraa fayyadamoo pirojektii kana kan ta’an ta’uu eerameera.

Waqtii Gannaa dargaggoota kuma 10fi 500 aanaalee 36 keessatti hojii qabsiisuuf qophiin duraa xumuramuu eeruu isaanii ragaan Biiroo Misooma Intarpiraayiziifi Indaastirii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015