Itti aanaan Pirezidaantii Kaleessa Muudaman Har’a Jiraattota Dambidoolloo Waliin Mari'achaa Jiru

54

Finfinnee Ebla 11/2011 kaleessaa itti aanaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ta'anii kan muudaman obbo Shimallis Abdiisaa fi hogganaan Waajjira Giddugaleessaa ODP obbo Addisuu Araggaan jiraattota godina Qeellam Wallaggaa waliin magaalaa Dambi Doollootti mari'achaa jiru.

Mariin ummataa kun dhimma Dinagdee, hawaasummaa, Nageenyaa fi haala yeroo irratti kan kan xiyyeeffatedha.

Jiraattonni Dambi Doolloo itti aanaa pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi hogganaa Waajjira Giddugaleessaa ODP obbo Addisuu Araggaatiif simannaa taasisanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015