Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad yaadoota kallattii xiyyeeffaannoo bajata bara 2015 ilaalchisee kennaan keessaa...

121

Waxabajjii, 30/2014(TOI) - Manni maree bakka bu'oota uummataa yaa'ii idilee 16ffaa bara hojii tokkoffaa taa'aa jira.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dhimmoota haala yeroo fi wixinee bajata bara 2015 irratti gaaffiiwwan miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa irraa dhihaataniif yaadaa fi deebii laataaniiru.

Ministirri Muummee kallaattiin xiyyeeffannoo bajata bara 2015 kanneen armaan gadii akka ta'an himaniiru.

1. Nageenya biyyaa eegsisuu

2. Deebisanii dhaabuufi deeggarsa namoomaa qaqqabamaa taasisuu

3. Qaala'insa jireenyaa tasgabeessuu

4. Qabeenyaaqusachuun itti fayyadamuu

5. Liqaa xiqqeessuu 6. Hanqina bajataa xiqqeessuu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015