gaaffii miseensota mana marichaarraa dhihaateef deebii MM doktar Abiy Ahimad kennan isaan ijoo

97

Waxabajjii, 30/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahmad ya'ii idilee mana maree bakka bu'oota uummataa 16 bara hojii 1ffaa irratti gaaffii miseensota mana marichaarraa dhihaateef deebii kennan isaan ijoo

  • Aktivistoonniifi ogeessonni siyaasaa Itoophiyaa ajjeechi yoo raawwatu qilleensarra guutu, poolisiin tarkaanfii fudhatee olaantummaa seeraa kabachiisu garuu hin jiran
  • Shaneen diina Oromooti, Shaneen eenyuufiyyuu kan garaa hin laafne bineensadha
  • Maaliif bineensa ta’an isa jedhuuf qorannoo gadi fagoo barbaachisa, kaayyoo siyaasaa garuu hin qaban
  • Kaayyoon Shanee biyya diiguudha
  • Ijoolleen kee lamaan biyya baraaruuf duulaniiru jechuun abbaan Shaneen ajjeefameera
  • Maatiin hoggantoota raayyaa ittisaa ajjeeffamaniiru, hoggantoonni dhibbaan lakkaa’aman ajjeeffamaniiru
  • Shaneen bakka bu’aa ummata Oromoo miti, diina olaanaadha, sababa Shaneetiin Wallaggaa keessa misoomni dhaabbateera
  • Diina kana diina hunduma keenyaati jennee yoo kaane ni balleessina
  • Garaa Shaneef laafu hin qabnu, humnoonni akka Shanee jiran fedhiinsaanii paarlaamaan, miidiyaan, addunyaan waa’eesaanii akka haasa’uufi
  • Isinitti himuu baannus tokkoon tokkoo daqiiqaa keessatti isaan waraanaa jirra
  • Fedhiin keenya biyya Itoophiyaanonni hundinuu walqixxummaan keessa jiraatan ijaaruudha, kanaafis hojjechaa jirra
  • Rakkoolee hiikuuf imaammata ifa ta’e baasuun hojjechaa jirra. Imaammatawwan afur baasnee hojjechaa jirra
  • Inni jalqabaa dursanii ittisuudha, lammaffaan hordofuudha, sadaffaan eeguudha, arfaffaan qophaa’uudha
  • Diinonni keenya caasaa keessatti nama bitu, kana adda baasuuf hojjechaa jirra, hanga ammaattis baay’eesaa qulqulleesineerra
  • Miidiyaaleefi baandaawwan diina keenya ta’an jiru, kunneenis hanga humni keenyi danda’e ittisna
  • Guyyaa guyyaatti waraanaa aarsaa kanfalaa dhimmoota ulfaataa keessa darbaa jirra, guyyaa guyyatti barachaa jirra
  • Qorumsi nu cimsaa deemaa jirra, Itoophiyaan gara gaaraatti imalaa jirti
  • Garri fulduraa baay’ee dhiyoodha garuu gaara waan ta’ee ulfaataadha, kanaaf humna olaanaafi tokkummaa, waliin ta’uu barbaachisa
  • Gara boodatti deebi’uun bay’ee salphaadha, sababnisaa irrangadee waan ta’eefi Imala Itoophiyaa gaaraa yoo dandeessan ishee dhiibaa, yoo dadhabdan akka duubatti hin deebineef ishee dhaabaa, diinonni keenya kan barbaadan gara boodaatti akka mucucaattuufi
  • Diinni akka wal qoodnuuf waan barbaadeef deeggaruu hin qabnu
  • Tokkummaa jechuun hundumtuu haala mijataa keessa ta’ee otoo hin taane, yeroo rakkinaas waliin ta’uun ittigafatamummaa fudhachuun aarsaaf qophii ta’uudha
  • Oromoon Amaaraan diina. Amaarris Oromoon diina jedhee yoo yaade ummata addunyaa wajjiin diina ta’eera jechuudha. Miirri baay’een gara badiinsaatti akka nu hingeessine ofeeggachuu qabna
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015