Mootummaan guyyaatti boba'aa liitira miliyoonaa 10.1 gara biyyaa galchaa jira.

97

Waxabajjii, 28/2014(TOI) - Mootummaan guyyaatti boba'aa liitira miliyoonaa 10.1 gara biyyaa galchaa jiraachuu Abbaan Taayitaa boba'aafi Inarjii beeksise.

Abbaan taayitichaa gatii boba'aa baatii hagayyaa ni dabala jechuun fayidaa addaa argachuuf kanneen yaalaa jiran irratti tarkaanfii akka fudhatu hubachiiseera.

Daareekatarri olaanaa abbaa taayitichaa aadde Saralillaa Abdulaah TOItti akka himanitti, sadarkaa biyyaatti rakkoon hanqina boba'aa torbanoota lamaan darbanii, rakkoo dhiheessii osoo hin taane rakkoo rabsarratti mudatedha jedhaniiru.

Kanaan dura yeroo baay'ee dhuma ji'aa irratti hanqinni Beenzinaa mudachaa kan ture yoo ta'u, yeroo ammaa garuu hanqinni Naafxaas mudateera. Kun immoo shira qabeenya biyyaa tajaajila dhuunfaaf oolifachuuf taasifamedha jedhaniiru.

Daarektarittiin akka himanitti bu'uura odeeffannoo baatii sadiin Jibutiirraa gara biyyaatti boba'aan galu ji'a ji'aan dabalaa ture.

Haaluma kanaan Mootummaan jiddugaleessaan guyyaatti boba'aa liitira miiliyoona 10.1 gara biyyaa galcha jira jedhaniiru.

Botteewwan bakka adda addaa dhokachuun dhaabbatan hanqinni boba'a akka mudatu taasisaan yeroo gabaabaa keessaatti boba'aa fe'anii deemaa tura gara buufata boba'aa geessuun akka beeksisan murtee darbe Kubbaaniyaawwaan hin raawwannerratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jira jedhaniiru.

Haaluma kanaan haga Oduun kun hojjetameetti Botteewwan boba'aa fe'an 10 irraaBoba'aan fudhatamuu himaniiru.

Konkolaattooni boba'aa fe'aan kan to'annaa mootummaa jala oolaan kun kan kubbaaniyyaawwan kamii akka ta'an kan adda baafaman yoo ta'u, yakka qabeenyaa uummanni itti fayyadamu dhoksuun akka gaafatamaa jiran himaniiru.

Itoophiyaan Boba'aa liitira tokkoo birrii 73 biyya alaatii bittee birrii 40 utubuun birrii 35 hanga 36 gurguraa jirti.

Haaluma kanaan Mootummaan waggaatti gatii Boba'aa birrii biliyoona 132 deeggarsa taasisa.

Deeggarsi kun lammilee jireenya gad aanaa jiraataan deeggaruuf kan taasifamu ta'uus kanneen jireenyaa olaanaa keessa jiraniis itti fayyadamaa jiru.

Adooleessaa 2014 irraa eegalee garuu lammilee jireenya gadaanaa jiraatan fayyadama taasisuu kan kaayyeeffatee deeggarsi gatii boba'arratti taasifamuu karaa sirrii galma akka gahuuf sirana tekinolojiin deeggarame diriirsuuf hojjetamaa jira.

Hojii maataa tekinolojii kana hojiirra oolchuuf kaleessa Ministeerri Geejibaafi Lojistikii, Dhaabbata dhiheessi Boba'aa Itoophiyaafi Itiyo-Telekoom waliigaltee mallateessuun isaanii ni yaadatama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015