Obbo Lammaan Nagaa Biyyaa Fi Afriikaa Eegsisuu Keessatti Muuxannoo Fi Ga'umsa Qaban Addunyaatti Akka Agarsiisan Ni Barbaanna ---Muummee ministiraa D.r Abiyyi Ahimad

104

Finfinnee Ebla 11/2011 Obbo Lammaan nagaa biyyaa fi Afriikaa eegsisuu keessatti muuxannoo fi ga'umsa qaban addunyaatti akka agarsiisan ni barbaanna jedhan muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad.

Doktar Abiyyi Ahimad kana kan jedhan waltajjii gaggeessaa fi kabajaa obbo Lammaa Magarsaatiif qophaa'erratti argamanii haasaa taasisan irratti dha.

Oromiyaan muuxannoo Gadaatiin rakkoo malee aangoo walii dabarsuu isaas mirkaneesseera jedhan muummee ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad.

pirezidaanti Lammaa Magarsaan seenaa jijjiiraniiru, ummata tokkoomsaniiru jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad haasaa isaaniitiin.    

Rakkoo nageenyaa amma nu mudate obbo Lammaan hiikanii karaa gaariitti nu ceesisus jedhaniiru.

Itiyoophiyaa fi Afriikaan muuxannoo kana fayyadamuu waan barbaadaniif, obbo Lammaa Magarsaan ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI ta'anii ijaarsaa fi leenjii haaraa ni uumu jedhan Doktar Abiyyi.  

Sirnaa Gaggeesaa kan irratti kan argaman itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makonnin gama isaaniitiin daandii ummata fayyadanii fi jireenyasaa jijjiiran cimsuun nurraa eegama jedhaniru.

Rakkooleen yoo mudatan hiikuuf cimnee hojjechuutu nurraa eegama, biyya lammiileen hundi qixa itti kabajaman uumuuf waltumsaan hojjechuutu nurraa eegama jedhan.

Obbo Lammaa Magarsaan naannoo Oromiyaa fi Itiyoophiyaatti hoggansa jijjiirama fidanidha jedhaniiru.

Isaan federaalatti dhufuun jijjiirramichi akka caalmaan galma ga'u taasisa jedhaniiru obbo Dammaqaan.

Itti aanaan pirezidaantii naannoo Tigraay Doktar Dabratsiyoon G/mikaa'eel gama isaaniitiin dhaamsa dabarsaniin waliin taanee, waliin hojjanee jijjiirramicha galmaan ga'uuf ni hojjenna jedhaniiru.

Rakkoolee jiran mara marii fi tumsaan ni furras jechuun dhaamsa isaanii dabarsaaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015