Mootummaan naannichaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojjechaa jira.

89

Waxabajjii, 27/2014(TOI) - Mootummaan naannoo Oromiyaa gaarrii misoomaafi guddinaa uummanni gaafatu deebisuun caalaatti fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojjechaa kan jiru ta'uu Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa aadde Saa'adaa Abduramaan beeksisan.

Aadde Saa'aadaan hoggantoota mootummaa naannichaa olaanoo biroo waliin ta'uun godina Baalee Bahaa aanaa Gololchaafi Gindhirritti pirojeektoota misoomaa hojiin ijaarsi isaanii xumurame eebbisuun tajaajila jalqabsiisaniiru.

Pirojeektoota eebbiffaman keessa birrii miliyoona 40'n kan ijaaramee hospitaalli sadarkaa duraa Gololchaa keessatti argama.

Pirojeektiin biroon eebbifame aanaa Gindhirritti birrii miliyoona 42 kan ijaarsame mana barnootaa Ifa Boruu Karra Adannootti.

Manni barnootaa kun bu'uraalee baruufi barsiisuuf ta'an kanneen akka kutaalee barnootaa, laabiraatorii, mana kitaabaafi kanneen biroo kan of keessaa qabu yoo ta'u baratoota 500 keessummeessee barsiisuu danda'a jedhameera.

Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa sirna eebbaa kanarratti argamuun akka dubbatanitti, Mootummaan gaaffii uummataa deebisuun itti fayyadamummaa uummata caalaatti mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Haaluma kanaan gaaffii bu'uuralee misoomaa argachuu uummanni gaafachaa jiru adda baasuun karoora yeroo gabaabaafi dheeraan wal jala jalaan deebisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Keessaayyuu dhaabbileen barnootaafi fayyaa gaaffii uummataa deebisuun cinaatti badhaadhina biyyaa mirkaneessuu keessaatti gahee olaanaa waan qabaniif mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhaniiru.

Mootummaan naannichaa dhiibbawwan adda addaa damdamachuun fayyadamummaa isaa mirkaneessuuf hojjechaa waan jiruuf uummanni nageenya naannoo isaa eegachuun mootummaa cinaa akka dhaabbatu gaafataniiru.

Bulchaan Godina Baalee bahaa obbo Asheetuu Baqqalaa akka himanitti mootummaan qabeenyaa turizimiifi haala mijataa qonnaaf godinni baalee bahaa qabu hubachuun mootummaan bu'uuralee misoomaa akka daandii,Barnootafi fayyaa uummataaf dhiheessuuf hojiin hojjete kan dinqisiifatamudha jedhaniiru.

Uummannis pirojeektoota kana eeggachuufi kununfachuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015