Yaa'iin idil addunyaa wabii Bishaan, nyaatafi Inarjiirratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti geggeeffama jira.

55

Waxabajjii 27/2014 (TOI) - Yaa’iin idil addunyaa wabii nyaataa, bishaanii fi inarjiirratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi Yuunivarsiitii Intarnaashinaalii Filooriidaa, Giddugalaa Beekumsaa Bulchiinsa Bishaanii Afrikaa fi qaamolee biroo waliin ta’uun kan qophaa’eedha.

Yaa’icharratti Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan, Itoophiyaan imala guddinaa eegalte galmaan ga’uuf qabeenya bishaani qabdu sirnaan fayyadamuu qabdi jedhan.

Qabeeya bishaaniin alatti inarjii, jallisii fi wabii nyaataa mirkaneessuun hindanda’amu jedhanii, bulchiinsa qabeenya bishaaniirratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Yaa’ii guyyootaa lamaaf tururratti qorannoowwan 100 ol dhiyaachuun kan irratti mari’atamu yoo ta’uu, ogeeyyiin damechaa biyya keessaa fi alaa hirmaacha jiru jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015