Magaalaa Samaraatti gahee dippilamaasiin dinagdee guddina damee turizimiif mari'atamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Samaraatti gahee dippilamaasiin dinagdee guddina damee turizimiif mari'atamaa jira
64
Waxabajjii, 23/2014(TOI) - Magaalaa Samaraatti gahee dippilamaasiin dinagdee guddina damee turizimiif mari'atamaa jira
Mariin kun Instiituyutii qunnamtii alaan kan qopha'ee yoo ta'uu barreeffamoonnii qorannoo ka'umsaaf ta'an adda addaa dhihaatanii irratti ni mari'atama jedhameera.
Barreeffamoonni kuneenis tarsimoo dippilomaasii dinagdee guddina damee turizimiif akkasuma hojiirra oolamaafi rakkoowwan kallatti tarsimoo dippilomaasii turizimii Itoophiyaa irratti kan xiyyeeffatanidha jedhameera.
Marii kana irratti hoggantoonni dhaabbilee federaalaa fi naannolee, bakka bu'oota dhaabbilee barnoota olaanoofi keessuummoonni waamichi taasifameef biroon argamaniiru.