Kuubaan hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufuuf fedhii qabdi - Ministira dhimma alaa Kuubaa

79

Finfinnee, Waxabajjii 22/2014 (TOI) – Kuubaan hariiroo cimaafi seena qabeessa Itoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufuuf fedhii akka qabdu Ministira dhimma alaa Kuubaa Burnoo Rodirgeez himan.

Itti aanaan ministira Mummeefi Ministirri Dhimma Alaa FDRI Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Dhimma Alaa Kuubaa Biruunoo Roodireegeez waliin kaleessa bilbilaan mari’ataniiru.

Marii kanarratti Ministirri dhimma alaa Kuubaa Birnoo Roodireegeez Kuubaan Dippilomaasii Itoophiyaa waliin qabduu caalaatti cimsuuf xiyyeeffannoo adda kennitiif jedhaniiru.

Hariiroon gam-lamee biyyoota lameenii akka fakkeenyummaatti kan ka’u ta’uu eeruun, biyyoonni lameen waltajjiiwwan hedduun tumsa isaanii cimsuu akka qaban ibsaniiru.

Itti aanaan Ministira Muummee fi ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin gama isaaniin Kuubaan walitti dhufeenyaa waloo gama hundaan biyyoonni lamaan qaban caalaatti cimsuuf xiyyeeffannoo isheen kenniteefiif dinqisiifataniiru.

Obbo Dammaqaan jijjiiramoota Siyaasaa fi diinagdee Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa laataniiruuf jedhameera.

Bara 1975 kan jalqabee hariiroon dippilomaasii Itoophiyaafi Kuubaa dameewwaan hedduun cimee kan itti fufe ta'uun ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015