Tokko ta’uu fi shororkeessitoota waliin falmuuf adeemsa qoqqoodaa keessa seenuun gonkumaa hinbarbaachisu- Humna Waloo Tikaa fi Nageenyaa FDRI

70

Finfinnee, Waxabajjii 20/2014 (TOI) – Naannoo hundaatti tokko ta’uu fi shororkeessitoota waliin falmuuf adeemsa qoqqoodaa keessa seenuun gonkumaa kan hinbarbaachifne ta'uu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa FDRI ibseera.

Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa FDRI haalaa yeroo nageenyaa biyyaalessaa ilaalchisuun ibsa kenneera.

Ibsaa isaatiin, dhiyeenya kana Adda Bilisummaa Gaambeellaa, Sochii Diimookiraatawaa Ummatoota Gumuz fi ABO-Shaneen qindoominaan Naannoo Gaambeellaa Magaalaa Gaambeellaatti akkasumas Gimbii fi Dambi Doollootti haleellaa raawwachuuf yaalii taasisaniiru.

Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa FDRI, hawaasa waliin ta’uun tarkaanfii fudhataniin gareewwan shororkeessitootaa barbadeeffamuun, rakkooleen mudatanii turan furamuun naannawichi sochii idileetti akka deebi’uu taasiseera.

Haa ta’u malee, gareewwan shororkeessitootaa, Wallaggaa Lixaa naannawwaa Magaalaa Gimbii Ganda Toleetti lammiilee nagaarratti miidhaa geessisuun hedduu isaanii ajjeesuun ni yaadatama.

Wayyaaneen hojii biyyaa diiguu waraanaan milkeeffachuu waan hin dandeenyeef, bakkaa bakkatti ergamtoota isaa gurmeessuu fi hidhachisuun ajjeechaa jumlaa raawwachaa fi raawwachiisaa jira.

Kaayyoon gochaa kanaa hawaasni mootummaarraa abdii kutachuun akka ka’uu fi nageenya booressuufi.

Gareewwan shororkeessitootaa, naannawaa hundaatti to’achuu fi hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu wayita hojjetamaa jirutti, tokko ta’uu fi shororkeessitoota waliin falmuu utuu qabnuu, adeemsa qoqqoodaa keessa seenuun gonkumaa hinbarbaachisu.

Keessumaa, gareen shororkeessaa ABUT miidiyaalee faayinaansiin deeggaruun kaayyoo isaa raawwachuuf, adeemsa baruu fi barsiisuu dhaabbilee barnoota olaanoo gufachiisuuf barattoota sabaa fi amantaan qoqqooduun walitti bu’iinsi akka uumamuuf halkaniif guyyaa hojjechaa jiraachuu humni waloo mirkaneeffateera.

Kun akkuma jirutti ta’ee adeemsaa fi shira diinaa haalaan hubachuu baannan daandii isaan nuuf banan keessa kan seennu yoo ta’e, diinota keessaa fi alaaf daandiin kan banamu ta’uu eereera.

kana duras miidiyaaleen bitaman Magaalaa Goondaritti osoo rakkoon hinuumamiin dura uummata amantaan qooduuf ajandaa bocuun nageenya booressuu fi walitti bu’iinsa uumuuf hojjechaa turuu yaadachiiseera.

Walitti bu’iinsa uumame bakkeewwan biyyattii hunda akka ga’u taasisuu fi hordoftoota amantichaa gara jeequmsatti galchuuf hojii hojjechaa turuu ibsameera.

Haa ta’u malee, ergamni badiisaanii aadaa waldanda’uu fi obsa uummataan akkasumas hirmaannaa olaanaa qaamolee nageenyaan fashalaa’uu eerameera.

Miidiyaaleen kunneen akkuma baran, tibbana Yuunivarsiitiiwwan keessatti walitti bu’iinsa uumuuf ergaa “Barattoota Oromoo fi saboota biroo yuunvarsiitiiwwan Naannoo Amaaraa keessatti baratan haleeluuf gareen nageenyaa gurmaa’ee gara Naannoo Amaaraatti ergameera” jedhu dabarsaa jiraachuu ibsameera.

Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa FDRI uummataa fi biyyasaaf lubbuu isaa wareegaa jiraachuu eeruun, taatee uumame sababa godhachuun duulli garee shorokeessitootaarratti eegalame cimee akka itti hinfufneef sosochiiwwan garaagaraa taasifamaa jiraachuu ibsichaan ka’eera.

Ta’us, barattoonnii fi hawaasni yuunvarsiitiiwwanii ergamtoonni garee shororkeessaa ABUT rakkoo uumame sababa godhachuun, ta’e jedhanii walitti bu’iinsa uumuuf socho’aa jiraachuu hubachuun shororkeessitoota kanneen irraa of eeguu akka qaban yaadachiiseera.

Qaamolee yaadachiisa kanarra darbuun gocha isaaniirraa of hinqusanneef obsa kan hinqabne ta’uu fi tarkaanfii seeraa fudhachuuf kan dirqamu ta’uu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015