Humni Qilleensaa Itoophiyaa paayileetota eebbisiise

3

Waxabajjii 17/2014 (TOI) – Humni Qilleensaa Itoophiyaa mata duree “qeerransoota 2014” jedhuun paayileetota leenjisaa ture bakka Pirezidaantii FDRI Saahilawarq Zawudee argamanitti guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Eebbifamtoonni kunneen leenjii balallii xiyyaaraa sadarkaa jalqabaan, balallii heelekooptara geejjibaan, balallii helekooptara waraanaan, balallii heelekooptara VIPnii fi balallii xiyyaara geejjibaan warreen leenji’aa turan ta’uu ibsameera.

Humni qilleensichaa naannawaa qilleensaa biyyattii eeguuf ga’umsa olaanaarratti kan argamu ta’uub ibsameera.

Sirna eebbichaarratti Pireezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee fi Itaamaajoor Shuumii Humna Waraanaa Waliigalaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee Pireezdaantonni naannolee fi hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa, hoggantoonni Olaanoon Raayyaa Ittisa Biyyaa fi keessummoonni kabajaa argamaniiru.