Marii misooma idil addunyaa hoggantoota olaanoo BRICS pilaas Preezdaantiin Chaayinaa qopheessanirratti hirmaachuu kootti gammadeera

2

Waxabajjii 17/2014(TOI) – Marii misoomaa ‘BRICS-Plus’ Hooggantoota olaanaa Idil-addunyaa, Pireezdaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingiin qophaa’e irratti hirmaachuukootti gammadeera jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad.

Waltajjiiwwan akkanaa waloodhaan hojiirra kan oolfaman taanaan qormaattoota damee hedduu akka hawaasa idil-addunyaatti numudatan hiikuuf gumaacha olaanaa qabuus jedhan Dr. Abiyyi Ahmad.

Gareen biyyoonni ‘BRICS’ jedhaman Chaayinaa dabalate Biraazil, Raashiyaa, Indiyaafi Rippaablika Afrikaa Kibbaa kan of keessatti hammateefi misooma waloo irratti walii tumsuun irree diinagdee warreen goonfatanidha.