Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa "mana baasuf " hunduu hanga dandeenye deeggaruu qabna.

128

Waxabajjii 15/2014(TOI) - Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa "mana baasuf " hunduu hanga dandeenye deeggaruu qabna jedhan Itti aanaan Ministira Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin.

Federeeshinichatti naannoo 11ffaa ta'uun dhiheenya kan dabalame naannoon Kibba Lixa Itoophiyaaf deeggarsa walitti qabuu sagataan kaayyeeffate Finfinneetti geggeeffameera.

Sagantaa kanarratti argamuun ergaa kanndabarsan obbo Dammaqaa Mokonniin Naanniichi yeroo ijaaramu waantoonni barbaachisan hedduu waan ta'aniif deeggarsa barbaachisa jedhan.

Akka aadaa keenyaattis yeroo jaatanii haaraa qabaatan Mana baasuun waan baramedha waan ta'eef Naannoo Kibba lixa Itoophiyaa mana baasuuf hunduu waan danda'uun akka gargaaru waamicha taasisaniiru.

Naannoon Kibba lixa Itoophiyaa naannoo qabeenya hedduu qabudha. Dureeyyoon qabeenya kanarratti yoo hojii investimentii hojjetan fayyadamoo waan ta'aniif hojii kana hojjechuu qabu jedhaniiru.

Saganticharratti argamuun haasaa kan godhan Itti aanaan Pireezedaantii Naannichaa Dr.Injiinara Nagaash Waageeshoo mootummaan gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii furuuf Mootummaan jijjiramaa naannichi akka hundeeffamu gochuu himaniiru.

Naannichi akka naannootti erga hundaa'e ji'a 8 lakkoofsiisuu isaa ibsuun, turmaata isaa ji'a 8 keessatti dhimma nageenyaa ,caasaa mootummaa hanga dakaatti diriirsuufi humna namaa guutuufi hojiiwwan hawaas diinagdee garaagaraa hojjechaa akka turan ibsaniiru.

Naannichi hojii qonnaa fi invastimantii adda addaatiif haala mijataa kan qabu yoo ta'u, oomisha qonnaa, buna , shaayii fi mi'eessituu adda addaa fi misooma kuduraaalee fi muduraalee gargaraaf mijataadha.

Albuudoota kanneen akka warqee, dhagaa cilee fi sibiloota adda addaan ka badhaadheedha.

Hawwattoota tuurizmii kanneen akka paarkii Cabaraa Curcuraa , Paarkii Oomoo, dhagaa kaabii ,finca'aawwan Danbii, Shakshakoo, Akkuu fi hawwaattoonni tuurizmii kan biroo heedduutu argama jechuuniis ibsaniiru.

Naannichi hojiiwwan invastimantii adda addaatiif haala mijataa qabu waan ta'eef, abbootiin qabeenyaa misoomawaa naannichatti dhufuun akka misoomsan waamicha dhiyeessaniiru.

Naannichi haaraa ta'uu isaatiin hojiiwwan misoomaa hedduun isa hafan akka jiran eeruun, rakkoolee bu'uuraalee misoomaa hiikuu fi hojii bulchiinsa gaarii milkeessuuf baajata mootummaa qofaa osoo hintaane, hirmaannaan dhaloottoota naannichaa fi tumsitoota guddinaa fi misooma naannichaaf barbaachisaa ta'uu isaatiin sagantaa galii walitti qabu kun qophaa'uusaas ibsaniiru.

Sagantaan qophaa'e kun
misooma naannichaatiif galii walitti qabuuf qofaa osoo hin taane, naannichi qabeenyaawwan uumamaan badhaadhe fi invastimantiif mijataa waan ta'eef, naannicha beeksisuufiis kan gargaaru akka ta'e ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015