Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan ta'udha - Muusaa Fakii Mahaamat

102

Waxabajjii, 14/2014(TOI) - Sagantaan ashaaraa magariisaa Itoophiyaan hojjechaa jirtu biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan ta'uudha jedhan dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahaamat.

Sagantaan ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaan har'a jiddugala biqiltuu Finfinnee gullaalleetti argamuutti jalqabameera.

Dura taa'aan Komishiinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahaamat sirna kanarratti hirmaataniiru.

Dura taa'ichi yeroo kana TOItti akka himaniitti biqiltuu dhaabuu keessaayyu Afrikaatti bu'aa hedduu qaba.

Sababa jijjirama qileensaan Afrikaan irra deddebiin hongeen itti bu'eera. Ardittiin rakkoowwan akka kanaa keessaa bahuuf sagantaa akka ashaaraa magariisaa kanaan misooma bosonaarratti hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Gama kanaan Itoophiyaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jirtis jedhaniiru.Ministira muummee Itoophiyaa doktar Abiy Ahimad dabalatee kanneen hojii kanarratti hirmaacha jiranis galateeffataniiru.

Hojii sagantaa ashaaraa magariisaa kun biyyoota Afrikaa biroottis babaal'achuu akka qabu dhaamaniiru.

Gamataan Afrikaas milkaa'ina hojii kanaaf deeggarsa barbaachisu kan taasisuu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015