Sagantaan nyaata addunyaa dhiheessee nyaataa mana barnootaattii akka deeggaru gaafatame.

70

Waxabajjii, 14/2014(TOI) - Ministirri Barnootaa Pirofeesar Biraanuu Naggaa Itoophiyaatti daarektara olaanaa sagantaa nyaata addunyaa Kilaawudee Jibidaar waliin mari'atan.

Marii kanaanis ministirichi qulqullina barnootaa fooyyeesuuf hojjetamaa jirachuufi manneen barnootaatti baratootaaf nyaata dhiheessuuf hojii hojjetamaa jiru daarektarichaaf ibsaniiru.

Sagantaan nyaata addunyaas hojii baratootaaf manneen barnootaatti nyaata dhiheessuuf hojjetamaa jiru kana naannolee hundaatti hojiirra akka ooluuf akka deeggaru gaafataniiru.

Itoophiyaatti daarekatarri nyaata addunyaas Itoophiyaatti manneen barnootaatti baratootaaf nyaata dhiheesuu dabalatee deeggarsa tekinikaa taasisaa turuu himanii milkaa'ina isaaf murannoon mootummaa barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Deeggarsa kanas cimsanii kan itti fufan ta'uu ragaan Ministeera barnootaarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015