Milkaa'ina sagantaa ashaaraa magariisaan argamee pirojeektota misoomaa gurguddoorrattis akka milkaa'inni argamuu barnoota kan nuuf laatedha.

80

Waxabajjii, 14/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahmad Milkaa'ina sagantaa ashaaraa magariisaan argamee pirojeektota misoomaa gurguddoorrattis akka milkaa'inni argamuu barnoota kan nuuf laatedha jedhan.

Doktar Abiy Ahmad sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaa jalqabsiisaniiru.

Sirna kanarratti haasaa taasisaniin Biqiltuu dhaabuun cinatti ilaalchoota moofaa buqqisuun Itoophiyaa haaromsuu qabnaa jedhaniiru.

Sagantaa ashaaraa magaariisaarratti akka waloon hirmaanneetti diinota Itoophiyaaf ergamtoota ta'anii lammilee nagaarratti haleellaa raawwatan gamtaan taanee balleessuu qabna jedhaniiru.

Itoophiyaa uumaa waliin walitti araarsuuf qabeenya keenya fayyadamuu qabnas jedhaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaan waggoota sadan darban biqiltoonni biiliyoona 18 ol dhaabachuu himuun, milkaa'inni kunis karoora hojiiwwan misooma gurguddoo biroon milkeessuuf barnoota akka ta'ee himaniiru.

Sagantaa ashaaraa bara kanaarratti hunduu si'oominaan hirmaachuun hojii Itoophiyaa haaromsuu jalqabame akka milka'u gaheessaa bahuu qabas jechuun dhaamaniiru.

Ministirri Qonna Obboo Umar Huseen gama isaaniin sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biqiltoonni nyaataaf oolan baay'inaan ni dhaabbatu jedhaniiru.

Biltoota waggoota sadan darban dhaabbatan biliyoona 18 keessaa harki 80 qabachuu kan himan obbo Umar kunis kununsa qabeenya umamaa, jijjirama qeleessaa sirreessuu fi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabudha jedhaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biqiltoota biliyoona 6 ol dhaabuf kan karoorfame ta'uu himaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015