‘’Tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan Shororkeessitoota irratti eegale shira garee badiitiin hin gufatu’’

53

Waxabajjii 13/2014(TOI) - Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ‘’Tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan Shororkeessitoota irratti eegale shira garee badiitiin hin gufatu’’ jedhe.

Mootummaan guutuu biyyaatti nageenya mirkaneessuuf sochii hidhattoota seeraan alaafi garee Shororkeessitootaa ittisuuf sochii hunda galeessa taasisaa jira.

Hojiin mootummaafi qaamolee nageenyaa kan irratti xiyeeffate gareen shororkeessaa Shanee injifatamuu irra gahaa jiru dhoksuuf gochaa badii isaa lammiilee nagaa irratti naanneeffatee jira.

Gareen Shororkeessaa kun yeroo darbe Magaalota Gambeelala, Dambi Doolloofii Gimbiitti gochai Shororkeessaa inni bane qaamolee nageenyaatiin jalaa fashaloofnaan, haaloo kana Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii keessatti lubbuu lammilee nagaa galaafatee jira; qabeenyas barbadeessee jira.

Halleellaa kanaan lammiilee lubbuun isaanii darbeef mootummaan gadda itti dhagahame ibsa.

Gareen kun miidhaan lammiilee irratti geessisaa jiru eenyummaa garichaa isa sirrii kan mul’isu waan ta’eef, gareen badii kun guutuummaan guutuutti akka barbadaa’uuf ergamni qindoomina qaamolee nageenyaa naannoofi Federaalaan taasifamaa jiru cimee akka itti fufu Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen beeksiseera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015