“Gurmaa’uun humna; garuu gurmaa’uu qofti galma miti”

95

Waxabajjii 13/2014 (TOI) – Guyyaa har’aa yaa’iin waliigalaa hundeeffama kokasii dubartoota Miseensota Mana Maree Finfinnee bara filannoo marsaa 3ffaa gaggeeffameera.

Wayita kanatti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, “gurmaa’uun humna; garuu gurmaa’uu qofti galma miti” jedhanii, hojiilee qabatamoon dabaalamuu qabaa himan.

Waggoota afuran hafan dubartoonni miseensota mana marichaa ajandaawwan xixiqaarraatti xiyyeeffachuu caalaa hojii fooyya’aa hojjechuu qabna jechun hubachiisan.

Dubartoonni, kennaa caalu haadhummaa qabu jedhanii, kun barnootaan gabbatee firii akka argamsiisuu gochuun ergama kokasii dubartootaa ijoodha jedhaniiru.

Afyaa’iin Mana Maree Magaala Finfinnee Aadde Buzeenaa Alqaadiir gama isaaniin, hirmaannaa dubartootaa guddisuuf, carraa jijjiiramni dubartootaaf uume fayyadamuun jecha caalaa gochaan badhaadhina Magaalaa Finfinneef hojjechuu qabna jedhaniiru.

Kokasichi gahee dursummaa isaa bahachuu qaba kan jedhan Aadde Buzeenaan, fayyadamummaa dubartootaas cimsuun barbaachisaadha ibsan.

Yaa’ii waliigalaa kanarratti Aadde Adaanechiin dabalatee, Afyaa’onni sadarkaa federaalaa fi naannolee biroon argamuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015