Baayar Muuniik Pirezidaanti Saahilawarq Zawudeef Uffata Ispoortii Maqaan Isaanii Irratti Barreeffame Kenneef

71

Finfinnee Ebla 10/2011 Kilabiin kubbaa miillaa Jarman Baayar Muuniik pirezidaant Saahilawarq Zawudeef uffata ispoortii kilabichaa irratti maqaa isaanii barreessuun kenneef.  

Garreen kubbaa miila Bayeermuniik kubbaa miilaa Itiyoophiyaa deeggaruuf Akkaadaamii Guddattootaa banuuf walli galtee mallatteeseera.

Ministirri Bulchiinsa Baavaariyaan-pirezidaant Maarkees Sooderm pirezidaant Saahilwarq Zawudeef uffata ispoortii kilabichaa dugda isaa irratti lakkoofsi 1 fi maqaan pirezidaantittii irratti barreeffame kennuufiin ibsameera.  

Ji'oovanii Eelbar Akkaadaamii Iityoophiyaatti dhaabbatuuf dargagoota ilaaluuf gara Itiyoophiyaa dhufeera.

Ji'oovaniin " ummanni Itiyoophiyaa kubbaa miilaaf jaalala akka qabu hubadheera " jechuun dubbateera.

Kilabichi akkaadaamii kubbaa miillaa Afriikaarraa jalqaba maqaa isaatiin waamamu Finfinneetti ni bana jedhameeras.

Kanaafis Baayermuniik kubbaa miilaa Itiyoophiyaa deeggaruuf Akkaadaamii banuu keessatti guddattoonni waa'ee kubbaa miilaa beekumsa qabatanii akka guddatan ni taasisna jedhaniiru.

Leenjistoonii Baayermuniikii dhufan leenjii akka kennan gochuu, guddattoota beekumsa kubbaa miilaaf iddoo akka kennan taasisuufi akkasumas guddattoonni kunneen yeroo ga'anitti garee kubbaa miilaa Baayermuniik fi Kilaboota Awuroophaa keessatti argamaniif akka taphatan ni taasisna jechuun dubaataniiru.

Wiirtuun leenjii kubbaa miilaa kilabichi Itiyoophiyaatti banus wiirtuuwwan kubbaa miilaa biyyoota birootti bane waliin baay’inni isaa 6 gahuu odeeffannoon Waajjira Pirezidaantii irraa arganne ni mul’isa.  

Kanaan dura kilabichi Ameerikaa, Chaayinaa, Taaylaand, Jaappaanii fi Singaapooritti wiirtuu leenjii kubbaa miilaa baneera.

Akkaadaamichi yoom akka dhaabatu, guddattoota meeqa akka of keessatti qabatuu fi yeroo kam akka calqabamu gara fuuladuraatti kan ibsamu ta'a jedhameera.

Baayermuuniik garee kubbaa miilaa biyya Jarman ta'uun isaa kan beekamu dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015