Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu jiddu gala tursiisa daa’imman hojjattoota dubartootaa Yuunivarsiitichaaf ijaarsise eebbisiisee jira.

82

Waxabajjii 11/2014(TOI) - Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu jiddu gala tursiisa daa’imman hojjattoota dubartootaa Yuunivarsiitichaaf ijaarsise eebbisiisee jira.

Ijaaramuun jiddu galichaa dhiibbaa hojjattoota dubartootarra gahu hirdhisuun bu’a qabeessummaa hojii keessatti qaban guddisuuf kan tumsudha jedhameera.

Sirna eebba jiddu galichaarratti kan argaman pirezidaantiin Yuunivarsiitii Madda walaabuu Doktor Ahmad Kaliil ergaa dabarsaniin yuunivarsiitichi hojiilee hirmaannaaf fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessan hojjachaa jiraachuu himan.

Hirmaannaa dubartoonni sirna barnoota yuunivarsiitichaa keessatti qaban dabaluuf dubartoota eebbifamtoota qaphixii ol’aanaa galmeessan 39 yuunivarsiitichatti barsiisummaan akka qaxaramaniif taasifamuun agarsiiftuu kanaa tahuu eeran.

Yuunivarsiitichatti daayirektarri dhimma dubartootaaf daa’immanii aaddee Liidiyaa Tikkuu gama isaaniitiin dubartoonni dhiibbaa irra gahu kamuu dandamachuun bu’a qabeessa akka tahaniif gara hooggansaaf murtee kennuutti akka dhufaniif xiyyeefannoon hojjachaa jirra jedhan.

Dubartoonni shamarranii yuunivarsiitichaa dhiibbaa alaaf keessaa irra gahuu mariidhaan furachuun barnoota isaaniitiin akka milkaahaniif kutaan adda qophaaheefii itti fayyadamaa jiraachuu himan.

Jiddu galli tursiisa daa’imman birrii miiliyoona 4 ijaarame kunis hojjattoonni dubartoota yuunivarsiitichaa faaydaa hunda galeessa daa’immaniif kennuun cinaatti dubartoonni tasgabbiin hojii isaanii akka hojjataniif tumsa ol’aanaa qabas jedhan

Keessummaa kabajaa sagantichaa kan tahan itti Gaafatamtuun biiroo Dubartootaaf daa’imman Oromiyaa aaddee Jamiilaa Simbirruu gama isaaniitiin ijaaramuun jiddugalichaa fakkeenyummaa kan qabuuf dhaabbilee barnoota ol’aanoof manneen hojii birootiif fakkeenya kan tahu jechuun yuunivarsiiticha jajanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015