Doktar Abiy Ahimad magaalaa Walaayittaa Sooddootti Proojektoota adda addaa daawwatan

61

Waxabajjii 10/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Naannoo Kibbaa magaalaa Walaayittaa Sooddootti Piroojektoota adda addaa ijaarsarratti argaman daawwataniiru.

Hojiiwwaan misoomaa jilli Ministira Muummee durfamu daawwatan keessaa waggaa tokkoon dura Wajjira giifti dureen baasii birrii miiliyoona 55n ijaaramuu kan eeggalee warshaan oomishaa daakuu daabboo keessaatti argama.

Warshaan daakuu daabboo kun lafa heektara kuma 8 irratti kan ijaaramaa jiru yoo ta'u, guyyaatti daabboo kuma 300 ni oomishaa jedhameera.

Ijaarsii warshaa kanaas yeroo ammaa harka 67 kan xumurame yoo ta'u yeroo qabameef keessaatti akka xumuramuus ministirri muummee kanneen hojii ijaarsaa isaa hojjetan hubachiisaniiru.

Jilli kun buufata xayyaaraa Walaayittaa Sooddoos daawwatera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015