Komishinaroonni Komishinii marii Biyyaalessaa pireezdaantii naannoo Sidaamaa waliin mari'atan.

90

Waxabajjii 10/2014 (TOI) – Komishinaroonni Komishinii marii Biyyaalessaa pireezdaantii naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoo fi misensota kaabinee naannichaa waliin magaalaa Hawaasaatti mari'atan.

Hojiiwwan komishinichi baatiwwan 3 darbanitti hojjechaa turerratti walitti qabaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Aarayaan ibsa taasisaniiru.

Waltajjichi ga’ee naannoleen hojii komishinichi yeroo itti aanutti hojjetu irratti qaban ilaalchisee marii bal’aan kan taasifamu ta’uu eerameera.

Yeroo itti aanutti dargaggootaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin mariin ni taasifamaa jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015