Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad fi giifti dureen Zinaash Taayyaachoo Walaayittaa Sooddoo dhaqan.

67

Waxabajjii, 10/2014(TOI) Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad fi giifti dureen Zinaash Taayyaachoo Walaayittaa Sooddoo dhaqan.Doktar Abiy Ahimadiifi giifti duree Zinaash Taayyaachoo yeroo isaan magaalaa Walayitaa Sooddoo gahaan simannaan o'aan taasifameefira.

Pirezidaatii naannoo Kibbaa obbo Ristii Yirdaawu, Minstirra muummee duraanii obbo Hayileemaaram Dassaleeny, Ministira Hojiifi ogummaa aadde Mufaariyaat Kamiil dabalatee hoggantoonni naannichaa Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad waliin magaalichaa galaniiru.

Doktar Abiyyiifi giifti duree Zinaash Taayyaachoo warshaa daabboo waggaa tokkoon dura ijaarsi isaa waajjira giifti dureen jalqabame maal irra akka gahee ni daawwatu jedhamee eeggama.

Doktar Abiy Ahimad turtii maagilchaatti taasisaniin hawaasa waliinis ni mari'atu jedhamee eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015