Rakkoo qulqullina barnootaa furuuf hojjetamuu cimsuun rifoormiiwwan jalqabaman cimanii itti fufu.

641

Waxabajjii 8/2014(TOI) - Sirna barnootaa keessaatti rakkoo qulqullina barnootaa muli'ataan furuuf hojiin rifoormiiwwan adda addaa hojjechuu jalqabaman cimanii kan itti fufan ta'uu ministirri barnootaa pirofeessar Biraanuu Naggaa beeksisan.

Ministeerichi hoggantoota hojii haaraa boordii dhaabbilee barnootaa olaanootti ramadaman waliin mari'ateera.

Minsitirri barnootaa Pirofeessar Biraanuu Naggaa sirna barnootaa keessaatti rakkoon qulqullina barnoota yeroo ammaa muli'atan furuuf hojiiwwan rifoormii jalqabaman cimanii kan itti fufan ta'uu himaniiru.

Damee kanaan kallaattiin xiyyeeffannoo waggoota shanaan dhufaniif raawwataman keessaa qulqullina barnoota olaanaa mirkaneessuun isa tokkodha jedhaniiru.

Hojiin kun akka milkaa'uuf hirmannaan hawaasa hundaafi dhaabbilee barnootaa olaanaa ta'uu himuun bordiin dhaabbilee barnoota olaanoo haaraan gahee isaanii akka bahan gaafataniiru.

Hoggantoonni miseensoota Boordii haaraa kunneenis riformiwwaan ministeerichi jalqabe akka milka'uuf gahee isaanirraa eeggamu kan bahatan ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015