Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad, Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti argamuun gaaffileefi yaadaa miseensoota mana mariichaa irraa ka’aniif deebii kennaniiru.

166

Waxabajjii 07/2014(TOI) - Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad, Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti argamuun gaaffileefi yaadaa miseensoota mana mariichaa irraa ka’aniif deebii kennaniiru.

Rifoormiin dura Itoophiyaan paarkota Indaastirii 3 qofa qabdi; Isaanis Hawaasaa,Kombolchaa fi Maqalee qofa turan; yeroo ammaa paarkota Indaastirii 12 ijaarteetti. Agroo Indaastirii 3 fi Paarkii indaastirii 9 ijaaruun danda'ameera.

Al-ergiin keenya waggoota 7f hin guddatee ture erga rifoormii hojiirra oolee waggoota lamaan as Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 4 gaheera.

Jijjiiramaan dura daandiin KM kuma 127 ture amma KM kuma 165 gaheera.Waggoota arfan darban daandiin Aspaaltii KM 4700 hojjechuun danda'ameera.

Magaalaa Finfinneetti Daandiin aspaaltii KM 470 hojjetamuu danda'eera.Magaalaa Finfinnee keessatti daandiin miilaa/lafoo KM 116 hojjetameera.

Lixa Goojjamitti daandiin KM 504 hojjetameera. Daandiin Qilleensaa Xiiyyaaraa duran 100 ture amma 135 qaba. Bakki gahumsa Daandii Xiyyaaraa duraan 115 ture amma 127 gaheera.

Galiin daandii Qilleensaa jijjiiramaan dura Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 3 ture amma Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 4.8 gaheera. Yeroo ammaa Daandiin xiyyaaraa imaltoota miiliyoona 22 keessummeessa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015