Obbo Shimallis Abdiisaa Hogganaa Abbaa Taayitaa Zoonii Walabaa fi Buufata Doonii Jibuutii waliin mari’atan

103

Finfinnee, Waxabajjii 6/2014 (TOI) – Pireezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Hogganaa Abbaa Taayitaa Zoonii Walabaafi Buufata Doonii Jibuutii Abubakar Omaar Haadi waliin mari’ataniiru.

Pireezdaanti Shimallis daawwanna hojiif Jibuutii jiru.Daawwannaa isaaniin Hogganaa Abbaa Taayitaa Zoonii Walabaa fi Buufata Doonii Jibuutii Abubakar Omaar Haadi waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniis seektaroota hedduun akkaata walta’iinsa waliinii cimsuun danda’amuu, ala ergii oomishaalee qonnaa fi beeyladaarratti mari’achuu isaanii ragaan Jibuutiitti Embaasii Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataanis, daldala alaa fi tajaajila loojistiksiin fayyadamummaa waloo fooyyessuuf haalota dandeessisanirratti mari'ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015