Baatiin Bitootessaa Darbe Hoo'insi Kanaan Dura Argamee Hin Beekne Sadarkaa Lammaffaa Ta'uun Galmaa'eera

60

Ebla 09/ 2011 Baatiin Bitootessaa darbe hoo'insa kanaan dura argamee hin beekne sadarkaa lammaffaa ta'uun akka galmaa'e gabaasni ji'aa sagantaan obzarveeshin Arzi Kopperniikes Awurooppaa jedhamu baase waabeffachuudhaan Yuuroo Niwus gabaaseera.

Baatiin Bitootessaa amma ammaatti kan turerraa haala adda ta'een hoo'ina sadarkaa lammaffaatiin yeroo itti galmaa'e ta'uusaas gabaasni kun eereera.

Gabaasa kanaan haalli ciidhinaa fi bokkaan olaanaan kutaalee biyyoota jiddu galeessa bahaa yoo ilaalamu jiddu galeessaan kutaa kanatti lolaa battalaa hordofsiisuu ni danda'a.

Torbee walitti aanaa sadan dabarsinetti kutaalee biyya Iraan irra caalaatti bokkaan akka ture gabaafameera.

Naannawa bulchiinsa Kaaba bahaa Golistaan biyyattiin jiddu galeessaan bokkaa waggaa tokkotti argattu keessaa guyyaatti dhibbantaa 70 kan uwwisu bokkaa olaanaa argatti jedha gabaasichi.

Wayita ammaas gabaasonni akka agarsiisanitti, hihoonni dhibbantaa 95 guutuunsaanii lolaan olaanaan uumamuu ni danda'a jechuun gabaasichi yaaddoo qabu kaa'eera.

Kanaaf obomboleettiin Iidaa jedhamee waamamu Afriikaa bahaa dabalatee lolaa baadii geessisuu danda'uu fi badii lubbuu olaanaa uumeera jechuun gabaasichi ni eera.

Obomboleettii kanaan yoo xinnaate lammiileen 850 ol ta'an lubbuusaanii akka dhaban tilmaamameera.

Biyyoonni kanneen akka moozaambiik, Maalaawii fi Zimbaabuwee ጎሳ obomboleettii  Maadakaasikaar mudatee tureen baay'ee miidhamaniiru jedha gabaasni kun.

Kanaaf jedha gabaasni kun waa'ee haala cabbii addunyaarra jiruu ogeeyyonni damee kanaa waan argan yemmuu ibsan bara 1960 jalqabee furdinni cabbii meetira 22 irraa ol miidhaan irra ga'aa akka jiru himu jedhu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015