Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad, Ministira Dhimma Alaa Itaalii waliin mari’atan.

218

Waxabajjii 06/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad, Ministira Dhimma Alaa Itaalii Luwiijii Dii Maayoo waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin dhimmoota hariiroo biyyoota lameen cimsuu danda’an irratti mari’ataniiru.

Akkasumas dhimmoota biyyaalessaafi naannawaa irratti xiyyeeffachuun mari’achuu isaanii Waajjirri Ministira Muummee beeksieera.

Keessumaa, biyyoonni lameen hariiroo gama aadaan qaban fooyyessuufi fuulduratti dameewwan haaraa biroorratti waliin hojjechuuf mari’achuus beeksiseera.

Ministirri Dhimma Alaa Itaalii Luwijii Dii Maayoon guyyaa kaleessaa daawwannaa hojiif Magaalaa Finfinnee galuun ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015