Walitti Bu’iinsa Daangaa Itiyoophiyaa Fi Keeniyaa Irratti Mudatu Dhaabsisuuf Hojjetamaa Jira

66

Finfinnee Ebla 9/2011 Walitti bu’iinsa daangaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa irratti mudatu dhaabsisuuf Itiyoophiyaan dursitee walitti bu’iinsa keessoo daangaa Mooyyaalee jiru ittisuurratti xiyyeeffachuushee ibsite.

Daangaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaa naannawa Mooyyaaleetti nageenya egeree buusuuf waltajjiin marii guyyoota lamaaf turu Finfinneetti jalqabameera.

Da’eettaan ministiraa nageenyaa Zayinuu Jamaal wayita kana akka ibsanitti waggoota toorba dura walitti bu’iinsi naannawa biyyoota lamaanii jiru bifa geeddaratee miidhaa guddaa geessisaa jira.

Sana boodas waggaa waggaan jechuu haala danda’amuun naannawi kun walitti bu’iinsota addaddaa keessummeessuudhaan lammiileen hedduun lubbuunsaanii darbuu fi qe’ee isaaniirraa buqqa’uudhaan baqannaaf saaxilamuusaanii ibsaniiru.

Keessumaa humnoonni hidhatan lohanii galuudhaan erga itti makamanii booda badiin qaqqabaa jiru guddachaa dhufuunsaa naannawa kanatti nageenyi akka hin jiraanne taasisuusaa dubbataniiru.

Kana tilmaama keessa galchuudhaan yeroo jijjiiramaatii kaasee jaarsolii biyyaa wajjin wal ta'uudhaan araara buusuuf hojjetamaa akka jirudha kan ibsan.

Sanas ta'ee biyya keessatti walitti bu'iinsi daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaalee jidduutti uumame walitti bu'iinsa daangaa Itiyoophiyaa fi keeniyaatiif haala itti cimsu akka hin uumne walitti bu'iinsa qabbaneessuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Walitti bu'iinsa kana qabbaneessuuf Igaad, gamtaan Awurooppaa fi sagantaan misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii deeggarsa olaanaa taasisaa akka jiran eeraniiru.

Keeniyaatti bulchaan naannawa Maandaraa Alii Roobaas Keeniyaatti lafa dheedicha loonii fi loon gaafaan wal qabatee yeroo addaddaatti walitti bu'iinsi keessoo wal fakkaataan jiraachuusaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Sanas ta'ee maree addaddaa miseensota hawaasaa waliin adeemsifameen rakkoolee kanneen hiikuudhaan yeroo ammaa nagaan bu'uusaa ibsaniiru.

Haa ta'u malee ammas taanaan keessumaa rakkoolee naannawa daangaatti mudatan hojmaata hunda fayyadamaa taasisan bu'ura godhate furmaata akka barbaachisu himaniiru.

Waltajjiin marii kun boru ni xumurama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015