Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itoophiyaa tapha gita isaa Ijipti goolii 2 fi 0n injifateera.

551

Waxabajjii 2/2014 (TOI) –Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itoophiyaa tapha Gulaallii Waancaa Afrikaa 2023f gaggeessaa jiruun gita isaa Ijipti goolii 2 fi 0n injifateera.

Taphataan sarara fuulduraa garichaa Daawwaa Hoxxeesaa daqiiqaa 21ffaa fi Shimallis Maqqalaan daqiiqaa 40ffarratti goolii tokko tokko lakkoofsiisaniin taphichi olaantummaa garee kubbaa miilaa biyyaalessa Itoophiyaan xumurameera.

Waaliyaawaan qabxii sadi walitti qabachuun garaagarummaa gooliin ramaddicha dursaa jiru.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itoophiyaa tapha jalqabaan gita isaa Maalaawwiin goolii 2 fi 1n injifatamuun kan yaadatamuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015