Doktar Abiy Ahimad muudama Pireezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahimmuud irratti argamuuf Moqaadishoo galan

2

Finfinnee, Waxabajjii 2/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad muudama Pireezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahimmuud irratti argamuuf Somaaliyaa Moqaadishoo galaniiru.

Jilli doktar Abiy Ahimadiin durfamu fi Itti aanaa Pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraahi, Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee, Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa ministira muummee Ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi Pireezdaantii Naannoo Somaalee Obbo Muusxafee Muhaammad of keessatti hamate sirna kabaja muudama pireezdaantichaarratti hirmaachuuf Somaaliyaa galeera.

Doktar Abiy Ahimad sirna kabaja muudamaa Pireezdaantii Soomaliyaa Hasan Sheek Mahimmud irratti haasawaa ni taasisu jedhameetu eegama.

Dabalataanis Ministirri muummee doktar Abiy Ahimad Preezdaant Hasa Sheek Mahimmud fi hoggantoota biyyoota biroo saganticharratti hirmaatan waliin marii gamlamee ni taasisu jedhameera.