Korporeeshiin manneen Federaalaa pirojeektii manneen jireenyaa Garjii tekinolojii ammaayyaa ittiin beeksisuuf hojjete eebbisiisuf jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Korporeeshiin manneen Federaalaa pirojeektii manneen jireenyaa Garjii tekinolojii ammaayyaa ittiin beeksisuuf hojjete eebbisiisuf jedhame.
Waxabajjii, 2/2014(TOI) - Korporeeshiin manneen Federaalaa pirojeektii manneen jireenyaa Garjii tekinolojii ammaayyaa ittiin beeksisuuf hojjete eebbisiisuf jedhame.
Pirojeektichi tekinoolojii ammaayyaa manneen ittiin ijaaraman kan 'Almuuniyeem Formiwuurkii tekinolojii' jedhamuun ijaare yoo ta'u Ogeeyyiin Itoophiyaanota ta'an tekinolojicha madaksuun ijaarsichi yeroo gabaabaa keessaatti akka xumuramu taasisaniiru jedhameera.
Tekinolojiin kun hojii ijaarsaa kan ariifachiisufi qulqullina olaanaan akka hojjetamu kan taasisudhas jedhameera.
Korporeeshinichis tekinolojii kana fayyadamuun baatii 18 keessaatti manneen jireenyaa darbii 10 qaban gamoowwaan 16 ijaareera.
Qe'een jireenyaa kunaafis meeshaleen eegumsa nageenyaaf olaan ammaayyaa kan qaban, bakka bal'aa konkolaatota 800 dhaabsuu, Galma waloon itti tajaajilaman, bakka Ispoortiin adda addaa itti hojjetamu,Kaaffeefi reestoraantii, bakka bashananaa, bakka taphaa ijooleefi bakka daakkii bishaanii kan of keessaatti hammate kan qabu ta'uunis himameera.
Ijaarsii qe'ee jireenyaa kun namoota hedduufis carraa hojii umeera jedhameera.
Haaluma walfakatuun tekinolojii kanaan Korporeeshinichi Saayitee Qabbanaatti gamoowwan lama abbaa darbii 10 lafa kaaree meetiraa kuma 1 fi 167 irraatti ijaarsisee kan xumure yoo ta'u, pirojeektichi manneen daldalafi jireenyaaf oolaan of keessaa qaba jedhameera.