Ambaasaaddar Tasfaayee Yilmaa deetaa ministira Dhimma Alaa ta'uun muudaman.

82

Waxabajji 02/2014(TOI) - Ambaasaaddar Tasfaayee Yilmaa deetaa ministira Dhimma Alaa FDRI ta'uun muudamuu isaan Minsteerri dhimma Alaa beeksise.

Ambaasaaddar Tasfaayeen haga Waxabajji 1/2014 deetaa ministira dhimma alaa ta'anii muudamanitti Gamtaa Afrikaatti ergamaa dhaabbii Itoophiyaa ta'anii tajaajilaa turan.

Deeta ministira dhimma alaa kan turan ambaasaaddar Diinaa Muftii yeroo dhihootti gorsaa dhimma nageenyaa biyyaaleessaa Ministira Muummee ta'anii muudamuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015