Feestivaalli Aadaafi Aartii Afrikaa Bahaa Kibxata dhufu eegala

58

Waxabajjii 1/2014 (TOI) – Feestivaalli Aadaa Fi Aartii Afrikaa Bahaa Kibxataa dhufu akka eegalu, Ministeerri Aadaa fi Ispoortii fi Ministeerri Dhimma Alaa ibsa waloon miidiyaaleef kennaniin beeksisaniiru.

Ministirri Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan akka eeranitti, feestivaalicha irratti Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa 13 ni hirmaatu.

Saganticharrattis argisiisni biyyoota beeksisan ni dhiyaatu jedhan.

Biyyoota hirmaattoota feestivaalichaa ta’an qorannoowwan, fakkiiwwan, aartiiwwaniifi qophiileen ispoortii garagaraan Addunyaatti isaan beeksisan akka dhiyaatan ibsaniiru.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Diinaa Muftii gama isaaniin, feestivaalichi biyyoota Afriikaa Bahaa dameewwan hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaan keessumaa, gama aadaa, daldalaa fi invastimantiin walitti hidhamiinsa uumuuf gumaacha olaanaa akka qabu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015