Shaampiroonaan Atileetiksii Afrikaa 22ffaan jalqabame

73

Waxabajjii 01, 2014 (TOI) – Mooriishiyeetitti kan gaggeeffamu Shaampiyoonan Atileetiksii Afrikaa 22ffaan har’a eegaleera.

Shaampiyoonaa atileetiksii kanarratti Itoophiyaan atileetotaa dhiiraa 26 fi dubartoota 28 waliigalaan atileetotaa 54 kan hirmaachistuudha jedhameera.

Fiigicha meetiraa 100 dubartootaan Raaheel Tasfaayee, Ye’absiraa Jaarsoo, meetiraa 400’n dubartootaan Tsiggee Dhugumaa, Amaarech Zagoonaa, Misgaanaa Haayiluu, meetira 400 dhiiraan Yoobsan Birruu fi Yohaannis Tafarraa akkasumaas meetiraa 100 dhiirotaan Loochoo Kiyoongaa Itoophiyaarraa kan hirmaataniidha.

Itoophiyaan dorgommiiwwan atileetiksii 35 oliin akka hirmaattu ragaan Federeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Shaampiyoonaa kanarratti atileetonnii 636 biyyootaa Afrikaa 42rratta ni hirmaatu jedhamee eeggama.

Shaampiyoonaan atileetiksii kun weerara vaayiraasii koronaa booda yeroo jalqabaaf gaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015