Aadde Adaanech Abeebee mana barnootaa Jaarraa Abbaa Gadaa babali'isuuuf dhagaa bu'uura kaa'an.

92

Caamsaa 29/2014(TOI) - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee magaalaa Finfinneee kutaa bulchiinsa Boolee aanaa 12 kan Boolee Bulbulaatti argamu ijaarsa babali'ina mana barnootaa Jaarraa Abbaa Gaadaaf dhagaa bu'uuraa kaa'an.

Manni barnoota kun waggaa darbe hojii kan jalqabe yoo ta'uu yeroo ammaa barnoota sadarkaa 1ffaa kennaa jira.

Ijaarsi babali'ina mana barnoota kanaa kutaalee dabalataa, kutaa Laabiraatoriifi mana kitaabaa kan dabalatu ta'uu himameera.

Hojiin ijaarsa babal'ina mana barnootaa kun birrii miiliyoona 54.4 kan ijaaramu yoo ta'u ji'a 8 keessatti ni xumurama jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015