Hawaasni Maallaqa Virchu’aalaa kaffaltiif fayyadamuurraa akka of qusatu Bankiin Biyyaalessaa hubachiise

74

Caamsaa 29/2014 (TOI) – Maallaqa Virchu’aalaa kaffaltiif fayyadamuun gochaa beekamtiin hin laatamneef waan ta’eef hawaasni gocha seeraan alaa kanarraa akka of qusatu Bankiin Biyyaalessaa hubachiiseera.

Ramaddiin maallaqaa Itoophiyaa Birrii ta’uu fi haala addaan Baankiin Biyyaalessaa yoo eeyyame malee kaffaltiin bittaa fi gurgurtaa adeemsifamu kamuu Birriin ta’uu labsiin hundeeffama Baankii Biyyaalessaa 591/2000 ifatti kan kaa’u ta’uu Baankiin Biyyaalessaa eerera.

Dabalataan, gochichi beekkamtii Baankii Biyyaalessaan ala sochii maallaqaa olaanaan ittiin gaggeeffamuu fi keessumaa maallaqa seeraan alaa miliqsuuf haala mijataa kan uumuu ta’uu mirkaneessuu ibseera.

Gochi bittaa fi gurgurtaa dijitaalaa maallaqa virchuwaalaa, bittaa fi gurgurtaa yookaan kaffaltiif fayyadamuun, gocha Baankii Biyyaalessaan beekkamtii hinqabne waan ta’eef, hawaasni gocha seeraan alaa kanarraa of qusachuu akka qabu baankichi hubachiiseera.

Qaamolee gocha kana raawwatanii argaman irratti baankichi tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu eeree, hawaasnis qaamolee gochaa akkanaarratti bobba’aan wayita argu Baankii Biyyaalessaa fi qaamolee nageenyaaf eeruu akka kennu waamicha dhiyeesseera. FBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015