‘’Biyya cimtuu ijaaruuf rakkoolee biyyaaleessaa mariin furuu barbaachisa.’’

55

Caamsaa 29/2014(TOI) - Komishiiniin Marii Biyyaaleessaa Itoophiyaa hoggansa Naannoo Amaaraa waliin sagantaa walbaruu gaggeesseera.

Waltajjii kanarratti Komishinarri Komishiinii Marii Biyyaleessaa Pirofesser Masfin Ari'ayaa, jaarsoolii biyyaa, haadholiifi dargaggoonni argamaniiru. Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Dr. Yiliqaal Kaffalaa garaagarummaa keenya xiqqeessuuniifi waliin mari’achuun rakkoolee keenya furuu qabna jedhan.

Biyyi cimtuu waldanda’uu irratti hundoofte akka jiraattu Mootummaan Naannoo Amaaraa Komishiinii Marii Biyyaaleessaa bira dhaabbachuun, deeggarsa barbaachisaa ni taasisaa jedhan Dr. Yiliqal.

Walitti qaban Komishiinii Marii Biyyaaleessaa Professer Masfin Ari’ayaa komishiinichi ajandaalee Itiyoophiyaa keessatti addaa nu qoodan hir’isuufi tokkuummaa cimsuuf karoorfame hundaa’e jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015