Damee turizimii guddisuuf caalaatti hojiin ogeeyyii horachuu hojjetamaa jira.

59

Caamsaa 29/2014(TOI) - Damee turizimii guddisuuf caalaatti hojiin ogeeyyii horachuu xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Insitiituyutiin leenjii Turizimii beeksise.

Itoophiyaan qabeenya hawwata turizimii kan umamaafi nam-tolchee hedduu qabaattus haga barbaadamu bu'aa akka irraa hin arganne ni himama.

Kanaafis waantoonni akka sababaatti eeraman damee kanaan ogeeyyiin leenji'an gahaan dhabamuudha.

Dhimma kana ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisan daarekatarri qunnamtii hawaasaa Instiituyutiichaa aadde Asteer Takilee akka himanitti, damee hojii Hootelaafi Turizimii guddisuuf ogeeyyii damee kanarratti leenji'anifi gahoomaan horachuun xiyyeeffannoon hojjetama jira.

Instiituyutiin kun damee hojii turizimii sababa adda addaan qorree deebisanii bayyanachiisuuf hojjiwwan adda addaa hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Kana keessaas humana namaa gahuumsa qabuufi dorgomaa ta'e horachuuf ogummaa kanaan leenjii dandeetti gahuumsa hanga sadarkaa 5ffaa qofaatti kennamaa ture hanga sadarkaa 8ffaatti guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Turizimiin waan nagaafi waliin jireenyaa waliin walitti hidhaminsa qabudha.

Damee kana guddisuun nageenya biyyaafi tokkummaa uummataa cimsuun barbaachisadha jedhaniiru.

Instiituyutiichi damee kanaan ogeeyyoota afaan Ingilizii, Faransaayiifi Jarmaniin leenjisee gara biyya alaatti hojiirratti bobbaasuuf hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Kanaanis galiin damee turizimiirra argamu akka guddatu taasisuun biyyiifi lammileen irraa fayyadamoo akka ta'an hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015