Manni Maree A.D.W.U.I Haala Yeroo Biyyaa Fi Raawwii Hojii Baatiiwwan Darbanii Qorachuudhaan Kallattii Kaa'uun Walga'ii Idileesaa Xumureera

68

Finfinnee Ebla 09/2011 Manni Maree Adda Demokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa haala yeroo biyyaa fi raawwii hojii baatiiwwan darbanii qorachuudhan kallattii kaa'uun walga'ii idileesaa xumureera.

Manni marichaa walga'iisaa Ebla 7 amma 8/2011tti gaggeesseera.

Waggaa 1tti, keessumaa yaa'iin ADWUI 11ffaa erga gaggeeffamee baatii Fulbaanaatii eegalee kallattiiwwan yaa'ichaan kaa'aman bu'uureffachuudhaan dirree siyaasaa bal'isuuf hojjetamuusaa qorateera.

Paartileen obbolaa fi deeggartootaa sochiin waliin eegalan sadarkaa gaariirra jiraachuu, walii galteen waadaa paartilee morkattootaa waliin mallattaa'e dirree demokraasii Itiyoophiyaa bal'isuuf hojiin hojjetamu akka agarsiisu qorateera.

Jaarmiyaaleen siyaasaa bifa heera biyyattii kabajeen sochii nagayaa akka taasisanis dhaameera.

Jaarmiyaalee morkattootaa waliin demokraasii keessoo bal'isuuf hojjetamuu, paartilee obbolaa jidduutti walshakkiin uumame hiikamee tokkummaan akka uumamu kallattii kaa'eera.

Haaluma kanaan dhimmoota sirreeffamuu qaban irratti karaa dimokiraatawaa ta'een yaadni irratti ka'ee dhumarratti biyyaa fi ummata giddu galeessa godhachuun walii galteen uumamaniiru.

Tarkaanfiin sirreeffamaa gama dinagdeen fudhataman dinagdee biyyaa qorre fooyyessuu irratti gahee olaanaa qabaachuu kan ilaale manni marichaa keessattuu kuufama sharafa biyya alaa guddisuu irratti hojiin hiikoo qabu hojjetamuun qoratameera.

Gama kanaan fooyya'iinsi kan jiru ta'u, hoji dhabdummaan olaanaa, hanqinni sharafa alaa, dhiibbaan liqii haalaan kan hin furamne waan ta'aniif furmaata laachuuf hirmannaan akka barbaachisu manni marichaa jala mureera.

Fayyadamummaa fi hirmaattummaa dargaggootaa keessattuu hoji dhabdummaa furuuf tattaffiin hanga yoonaatti taasifame jiraatus bal'ina fi fedhii guddaa jiruun ammas jijjiirama kanarraa kan hin fayyadamne ta'uun eerameera.

Dabalataanis hirmaannaa dargaggoonni siyaasa biyyaa keessatti qaban kan hin deebine ta'uu ilaalameera.

Waan ta'eef fayyadamummaan dargaggootaa bara baajataa hafeetti xiyyeeffannoon addaa itti kennamuun ajandaa addaa ta'ee giddu gala hirmaannaa hundaa ta'uu akka qabu murtaa'eera.

Rakkoo bulchinsaa gaarii iddo tokko tokkotti muldhatan ilaalchisee gaaffii ummataa deebisuuf hojiin calqabame cimmee itti fufuu akka qabus dhaamee jira.

Dhima buqqatoota eddoo tokko tokko jiraanii ilaalchisees gadi fageenyaan mari'achuun buqqatonnii gara mana isaaniitti akka deebi'aniif waanti barbaachisu hundii taasifamuu akka qabu kaa'amee jira.

Walitti dhufeenyi biyyoota ollaa waliin biyyattiin qabdu ilaalchisees hojii gaariin hojjatamuu isaa lafa kaa'ee, keessumattuu walitti dhufeenyi Ertiraa waliin calqabame cimee itti fufuu akka qabu kallattii kaa'ee jira.

Dhaabbileen Sab-qunnamtii jijjiirama amma biyyattii keessatti adeemsifamaa jiru ummataaf ibsuuf, rakkooleen jijjiirama waliin jiranis kaassuu keessatti ga'ee isaanii ba'aachaa jiraachuu himaniiru.

Ta'ees miidiyaaleen tokko tokko waan darbe irraa ummanni barumsaaa akka fudhatu gochuu dhiisanii, rakkoo mootummaa irratti qofa xiyyeefachuun ummata raasaa jiraachuu isaanii irraa of qusachuu akka qabanis akeekkachiiseera ibsichi.

Yadda ofii bilisaan ibsachuu irratti ga'een miidiyaa hawaasaa guddaa ta'e osoo jiruu, dimokiraasii gadi qabuu fi akka dimokiraasiin hin guddanne gochuu keessatti waanti bayyeen muldhachaa waan jiruuf karaa kun ittiin sirreeffamus kaa'uun akka barbaachisu himamee jira.

Dhuma irrattis manni marichaa sanada dhiyaatee fi gabaasa dhiyaate irratti gadi fageenyaan mari'atee sagalee calmaan raggaasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015