Itiyo- Telekoom Pirojeektiin buufata jiddugala barnootaa Dijitaalaa manneen barnootaa 66 fayyadama taasisu eebbisiise.

84

Caamsaa 25/2014(TOI) - Itiyo- Telekoom Pirojeektii sadarkaa biyyaatti buufata jiddugala barnootaa dijitaalaa (Bridging divide digital center) manneen barnootaa 66 fayyadama taasisu eebbisuun hojii jalqabiise.

Sirna kanarratti kan argaman hojii geggeesituun Itiyo- Telekoom Firiwoot Taammiruu akka jedhanitti dhaabbatichi hojii Dijitaal Itoophiyaa uumuuf hojjetamu milkeessuuf hojjechaa jira.

Baratoonni manneen barnootaatti tekinolojii yoo baran caalaatti akka milkaa'an ni ta'a jedhaniiru.

Dhaabbatichi piroojeti buufata jiddugala barnoota dijitaalaa 66 sadrkaa biyyaatti jalqabiiseera jedhaniiru.

Kanneen keessas manneen barnoota 48 naannolee adda addaatti kan argaman yoo ta'u 18 magaalaa Finfinneetti manneen barnoota argamanitu fayyadamoo ta'ee jedhaniiru.

Barnoota dijiitala kanas baratoota kuma 140 fi 596tu fayyadamoo ta'a jedhaniiru.

Manneen barnoota kunneen kan kanaan dura rakkoo bu'uura misoomaa qaban akka ta'es himaniiru.

Yeroo ammaa manneen barnoota kanaa Itiyo- Telekoom Kompuutaroota,Intarneetiifi bu'uuralee misooma barnoota oolan biroo guuteefira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015