Jilli doktar Abiy Ahimadiin durfamu Baalee Roobeetti daawwannaa hojii taasiisaa jira

110

Finfinnee, Caamsaa 25/2014 (TOI) – Jilli Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiin durfamu magaalaa Baalee Roobeetti daawwannaa hojii gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Pireezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa, naannolee, Ministira muummee FDRI duraanii obbo Hayilamaariyaam Dassaaleenyi, Itoophiyaatti bakka bu’aan Baankii Addunyaa Usmaan Diyoon, ergamaan addaa gamtaa Afrikaa fi Pireezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oliiseegoo Obaasaanjoon fi qaamoleen biroo daawwannaa hojiif gara Baalee Roobee imalaniiru jedhame.

Jilichi hojiilee misooma qonnaa Godina Baaleetti hojjetamaa jiru naanna’uun ni daawwataan kan eegamu ta'uu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015