Manni Marichaa Wixinee Labsii To’annoo Meeshaa Waraanaa Koree Dhaabbiif Dabarseera

145

Ebla 8/2011 Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanaa erga qoratee booda tokko tokkoon akka ilaaluuf koree dhaabbii ilaallatuuf dabarseera.

Manni marichaa walga’ii idilee waggaa 4ffaa bara hojii 33ffaa adeemsiseen wiixinee labsichaarratti mari’atee tokko tokkoon ilaaluuf olaantummaan quunnamtii alaa fi koree dhaabbii dhimma nageenyaa, deeggarsaaf immoo koree dhaabbii seeraa, haqaa fi dimokiraasiif dabarseera. 

Wixineen labsichaa kutaalee 6 fi keeyyatoota 30 kan qabu yoo ta’u, hojiwwan dhorkaman, eeyyamni meeshaa waraanaa dhaabbilee hin kennamneef, haala itti meeshaan waraanaa kennamuu fi ulaagaa isaa, meeshaan waraanaa kan itti dhorkamu, haala itti haqamu, qaamolee hawaasaa haala ulaagaa eeyyamni meeshaa waraanaa barsiifataan hidhatan itti kennamu, akkasumas adabbii yakkaa fi tumaa biroo ofkeessatti hammata.

De’eettaan ministiraa itti waamamni isaa kan mootummaa  ta’an ambaasaaddar Cheerinnat Masfin barbaachisummaa labsichaa yoo ibsan, yeroo ammaa biyyattii keessattii meeshaan waraanaa lakkoofsaan guddaa ta’an karaa seeraan alaa daddarbaa akka jiru kaasuun, nageenya biyyaa fi ummataa eeguuf kan dandeessisu labsiin bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanaa naannessuu barbaachiseera jedhan.

Wiixineen meeshaa bulchiinsaa fi to’annoo meeshaa waraanaa namni eeyyamni meeshaan waraanaa kennameef haalli ulaagaa seeraa qabaachuu/guuttachuu qabu dabalatee qophaa’aa jira jedhaniiru.

Qaamni eeyyamni kennameef meeshaa waraanichaa qaama 3ffaa biroof dabarsee kennuu akka hin dandeenyees labsichi ibsee akka kaa’u ibsaniiru ambaasaaddar Cheerinnat.

Haala yeroo ammaa jiru waliin barbaachisummaa labsichaa tilmaama keessa galchuun manni marichaa marii taasisuun koree dhaabbii ilaallatuuf akka dabarsamu de’eettaan ministirichaa gaafataniiru.

Miseensonni mana marichaa labsichi kan dabarsamuuf koreen dhaabbichaa tumaa fi keeyyatoota tokko tokkoon ilaaluu qaba jedherratti yaada kennaniiru.

Isaan kana keessaa tumawwan jiraattonni naannowwan meeshaan waraanaa barsiifatan qabataman jiraatanii fi namoonni meeshaa waraanaa qabatan eeyyama utuu hin qabaatiin meeshaa miidhaa geessisu gara biyyaatti galchuunii fi baasuun, qabachuu ykn kaa’uu, kuusuu, faddaaluun, gurguruu ykn bituu, naannessuu, imalchiisuu fi oomishuu tokko tokkoon ilaalamuu qabu jedhaniiru. 

Meeshaa waraanaan walqabatee itti gafatamummaa yakkaa ilaalchisee adabbiin kaa’ame salphaa waan hin taaneef koreen dhaabbii dabarsameef xiyyeeffannoon akka ilaaluuf miseensonni mana maree marii isaaniitiin kaasaniiru.

Manni marichaa wixinee labsichaarratti erga mari’atanii booda yaadawwan kennaman dabalatee tokko tokkoon akka ilaalamuuf olaantummaan quunnamtii alaa fi koree dhaabbii dhimmoota nageenyaa, deeggarsaaf immoo koree dhaabbii dhimmoota seeraa fi haqaaf dabarseera.

Dabalataan manni marichaa oolmaa har’aan koree dhaabbii quunnamtii alaa, dhimmoota nageenyaa, daldalaa fi industiriin Itiyoophiyaan mootummoota Jibuutii fi Hindii waliin walii galtee daldala lameenii taasisan raggaasisuuf yaada murtii dhiyaateef dabalee raggaasiseera.

Biyyoota gidduutti walii galtee walitti hidhinsa daldala lameeniin oomishoonni Itiyoophiyaa karaa Jibuutii fi Hindii yeroo darban oomishoota biyyoota biroon walqixa akka darbuu fi dirqamni addaa akka itti hin kennamne kan taasisuu fi gargaarsa kan cimsu waan ta’eef manni marichaa barbaachisummaasaarratti mari’achuun sagalee guutuun raggaasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015