Godinichatti weerara Raammoo geerrii aanaalee 7tti mudatee to'achuuf hojjetamaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti weerara Raammoo geerrii aanaalee 7tti mudatee to'achuuf hojjetamaa jira.
Caamsaa 24/20149TOI) - Godina Baalee bahaa aanaalee torba oomishaa waqtii arfaasaa oomishaanitti weerara raammoo geerrii mudatee balaa cimaa osoo hin geesisiin to'achuuf tattaaffiin taasifama jiraachuu Waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Raammoo geerrii kana mala aadaa fi keemikaala biifuun to'achuuf yaalii gochaa jiraachuu qonnaan bultoonnis himaniiru.
Itti gaafataman waajjira Qonnaa godinicha obbo Shukurii Xahaa TOItti akka himanitti weerarri raammoo geerrii kun kan mudatee godinichatti aanaalee 7 kanneen oomishaa waqtii Arfaasaa oomishaan keessattidha.
Raammoon geerrii kun oomishaalee akka Boqqoolloo, Mishingaafi Xaafii lafa heekataara kuma 7 irratti oomishaamerratti mudachuu himaniiru.
Oomishaalee kanneen irraan miidhaa cimaa osoo hin geesisnee to'achuuf qonnaan bultoonnifi ogeeyyiin qindaa'anii mala aadaa fi keemikaala biifuun to'achuuf yaalii taasisaa jiraachuus himaniiru.
Haga ammaattis hojii mala aadaan hojjetamuufi keemikaala liitira kuma 2 biiftuun weerara Raammoo geerrii oomisha lafa heekatara kuma 3 irratti mudatee to'achuun danda'amuu obbo Shukuriin himaniiru.
Hojiin bifa qindaa'een weerara Raammoo geerrii kana to'achuuf taasifamu kan itti fufe ta'uu himuun, dhiheesiin keemikalaa akka dabalamuufiif godinichi Biiroo qonnaa Oromiyaaf gaaffii dhiheesuus himaniiru.
Qonnaan bultoonnis hojii mala aadaan weerara kana to'achuuf taasisaan cinaatti gorsa ogeeyyii qonnaafis xiyyeeffannoo kennuun akka hojjetaan dhaamaniiru.
Qonnaan bultoonnis hojii weerara kana bifa aadaan to'achuuf taasisnuu cinaatti caalaatti biifaan keemikaalaas nuuf taasifamuu qaba jedhaniiru.