Obbo Dammaqaa Mokonnin, Barreessaa Dhaabbata walta'insa Barnootaa Sheek Mansuur Biin Muusaalam waliin mari’atan.

134

Caamsaa 24/2014(TOI) – Itti aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Barreessaa Dhaabbata walta'insa Barnootaa Sheek Mansuur Biin Muusaalam waliin mari’atan.

Obbo Dammaqaan, barnoota babal’isuu fi waliingahiinsaa isaa guddisuudhaaf hojiilee hojjetamaniin bu’aa olaanaan galmaa’uu eeruun, yeroo ammaa hanqina gama qulqullinaan jiru fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Itoophiyaan qulqullina barnootaa fooyyessuuf karoora qabatteef gaheen dhaabbilee idil addunyaa olaanaa ta’uu himanii, walta’iinsa dhaabilee kanneen waliin qabdus Itoophiyaan cimsitee kan itti fuftuudha jedhaniiru. Barreessaa Olaanaan Dhaabbataa Walta’iinsaa Barnootaa Sheek Mansuur Biin Musaalaamiin gama isaaniin, walta’iinsa jiru cimsuudhaaf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbaticha keessatti gahee Itoophiyaan qabdu akka guddatuuf fedhii qabaachuu eeranii, waajjirri muummee dhaabbatichaas Finfinnee akka ta’uuf gaaffii dhiyeessaniiru.

Gaaffiin isaaniis qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun deebiin kan kennamu ta’uu marii isaanii kanarratti ibsamuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbanni Walta’iinsa Barnootaa (OCE) ALA 2020 kan hundeeffame yoo ta’u, Afriikaa, Giddugala Bahaa, Eeshiyaa, Laatiin Ameerikaa fi biyyoonni Kaaribiyaan miseensa dhaabbatichaati.

Dhaabbatichi misoomaa hawaas-dinagdee madaalawaa mirkaneessuuf guddina barnootaarratti hojiilee misoomaa garaagaraa hojjechuuf dhaabbata hundaa’e ta’uun eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015